Jajjabee

Ati gorsaa diinagdee keenyaa taatullee ilmi kee garuu.saantiba warqiifi birrii addaan hin beekuu. jedhanii itti qoosan. abbaan ni aare galee ilma yaame. Saantiba warqiifi birrii walbira qabee.kamtu caala jedhee gaafate ilmis abbaa warqiidha jedhee deebiseef.abban tasgabbaahee. jarri maaliif akkas naan jedha jedhee yaade.ilmis guyyaa hundaa hiriyyoonni kee ganama ganama.karaa gubbatti na eeganii saantiba warqiifi birrii walbira qabanii tokko fudhuu naan jedhan.anis saantiba birrii fudhee deema. Jedheen abbaan maaliif kan warqii hin fuudhin jedhee gaafate. Koottu aabbaa jedhee boorsaa itti agarsiise.abbaanis amanuu dadhabe sababnni isaa saantiba birrii heddutu achi keessa jira waan taheef.agartee abbaa guyyaa ani saantiba warqii fuudhe hiriyyoonni keetis natti hin kolfan anis galii kiyya kan guyyaa guyyaa hin argadhu jedhee deebiseef.hanga bakka yaaddan geesanitti jecha namaatiif gura hin keninaa.galtoomaa nghaan turaa!!!

Leave a Comment